Notice of Nondiscrimination: Oromo

Mirgoota Keessan Beekaa

Tajaajilawwan Fayyaa fi Namoomaa Keessatti Gahiinsa Afaanii

Muummeen Tajaajilawwan Fayyaa fi Namoomaa U.S. (HHS), namni Ameerikaa keessa jiru hundi kunuunsa fayyaa fi tajaajilawwan namoomaa isa barbaachisu argachuu akka danda’u mirkaneessuu barbaada. Kunis namoota Afaan Ingiliffaa akka gaariitti hin beeknee fi namoota qaama miidhamtoota ta’an ni dabalata. HHS namni hundi karaa haqa qabeessaa ta’ee fi kabajaan ilaalamuu qaba jedhee amana.

Waajjirri Mirgoota Siivilii HHS (OCR) seerota sanyii, bifa, madda lammummaa, saala, umurii, amantii fi qaama miidhamummaa keessan irratti hundaa’uun tajaajilawwan fayyaa fi namoomaa keessatti loogii irraa isin eegu hojiirra oolcha. HHS OCR seerota iccitii fi nageenya galmee wal’aansaa keessanii eegsisanis hojiirra ni oolcha.

Tajaajilawwanii fi sagantaalee eegumsa fayyaa harka caalaa isaanii keessatti sababa sanyii, bifaa, madda lammummaa, saala, umurii, amantii, ykn qaama miidhamummaa keessaniin uwwisa kunuunsa fayyaa ykn wal’aansaa dhorkamuu hin dandeessan.

Gargaarsa Afaanii Nama Hundaaf – Mirgoota Barbaachisoo

  • Dhiyeessaa kunuunsa fayyaa kamiinuu, kan akka hakiimota, narsoota, hospitaalota, kilinikota, ykn tajaajilawwan hawaasummaatiin hammatamuu dhabuu, faayidaa dhorkamuu ykn loogiin isin irra gahuu hin danda’u.
  • Telehealth, marsariitiiwwan, fi moosajii mobaayilaa dabalatee, haala loogii irraa bilisa ta’ee qaamaan ykn fageenya irraa (remotely) kunuunsa fayyaa argachuuf mirga qabdu.
  • Dhiyeessitoonni kunuunsa fayyaa keessanii yeroo kunuunsa ykn tajaajila isaanii barbaaddan haala isin hubachuu dandeessaniin isi waliin wal qunnamuu akka danda’an mirkaneessuu qabu.
  • Yoo isin ykn namni isin waliin jiru tokko Afaan Ingiliffaa akka gaariitti hin dubbanne ykn Afaan Ingiliffaa akka gaariitti dubbisuu, barreessuu, dubbachuu, ykn hubachuu yoo hin dandeenye, tajaajila afaanii (kan akka turjumaanaa ykn hiikkaa) bilisaan dhiyeessaa kunuunsa fayyaa keessan irraa gargaarsa argachuu dandeessu.
  • Turjumaana mataa keessanii fiduu, nama afaan hiikuuf kaffaluu, ykn daa’ima ykn miseensa maatii irratti akka isiniif hiikaniif hirkachuun hin barbaachisu.
  • Yoo qaama miidhamummaa qabaattan, meeshaalee fi tajaajilawwan, tajaajilaa fi deeggarsa gargaarsaa dabalataa jedhaman, odeeffannoo hubachuuf isin gargaaran, bilisaan, dhiyeessaa kunuunsa fayyaa keessan irraa argachuu dandeessu.

Odeeffannoo Dabalataa Eessaa Argachuu Dandeessu?

Gargaarsa gahiinsaa afaanii argachuuf: frontdesk@sawtoothmountainclinic.org qunnamaa.

Gargaarsa mirga lammiilee fi iccitii odeeffannoo fayyaa argachuuf: www.hhs.gov/ocr daawwadhaa.

Akkamitti Himata Dhiyeeffachuu Dandeessu?

Yoo isin ykn namni biraa sababa sanyii, bifaa, eessaa akka dhufan, saala, umurii, ykn qaama miidhamummaatiin karaa haqa qabeessa hin taaneen tajaajila argatan ykn loogiin irratti raawwatame jettanii yaaddan, ykn odeeffannoon fayyaa keessanii ykn nama tokkoo iccitiiin akka hin eegamne yoo yaaddan, HHS OCR tti himuu dandeessu.

  • Namni biraan, kan akka miseensa maatii, dhaabbata abukaatummaa, hiriyyaa ykn nama wajjin hojjettanii himata isiniif dhiyeessuu danda’a.
  • HHS OCR odeeffannoo bifa adda addaatiin (akka Bireelii ykn qubee hammaan guddatee barreeffameen (large print)) kennuu fi tajaajila bilisaa akka tajaajila deggersa qunnamtii (relay service) ykn gargaarsa afaanii isin gargaaruuf kennuu danda’a.

Himata Galchuu ykn HHS OCR qunnamuu:
Marsariitii | Imeelii: OCRMail@hhs.gov | Bilbila: 1-800-368-1019 | TDD: 1-800-537-7697